Home
GABUO.org
Home   Contact Us   About GABUO  About Oromiyaa   RBO Radio  Web Links Afaan Oromoo
Main Menu
Home
News
Press Release
Resolution
Articles
Contact Us
Search
News Archives
Key Concepts
Gada System
Colonial Experience
Community
Discussion Board
Web Links
Events
Walaloo
Important Links
A. Oromiyaa Portal
Oromia Publishing
Login Form





Lost Password?
Feb 06 2010
SHEEXANOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Duraa Print E-mail
Saturday, 06 February 2010


Taammanaa Bitimaa irraa 

Mee amma gama obboo Buush faa irraa gama biyya keenyaatti, gama warra amma uummataa fi saba keenya jilbeeffachiisetoo dhiddhiitaa jiruu, gama Wayyaanotaa fi jaleewwan isaaniitti haa ceenu! San durallee mee yaadundee ("concept") sheexana jedhamu kana wajjumaan haa ilaallu! 
Afaan keenya, Afaan Oromoo dur qooqa (jecha) "sheexana" jedhamu of-keessaa hin qabuuyyu. Booda, booda keessa jecha kana afaan ollaa isaa, isa fagoo tahe, Afaan Arabaa irraa ergifate. Akka furaan (galmeen jechootaa) tokko ("Concise Oxford English Dictionary", Oxford, 2006) ibsutti Afaanonni Faranjiis jecha "Satan" jedhamu durii durii karaa Afaan Giriikii fi Afaan Laatinii Afaan Hebruu irraa ergifatani. Afaan Arabaas afaanuma obbolaa isaa kan Hebruu irraayyi jecha kana ergifachuun qaama jechoota ofii taasifate. Afaan Arabaa guddichi, dureessichii fi afaanota addunyaa warreen jedhaman keessatti kan argamu, dur irraa kaasetoo Afaan Oromoo fi afaanota naannoo keenyatii jechoota hedduu ergisaa ture. Ammallee ittuma jira. Afaan Arabaa kun akka Afaan Amaaraa kan qawwee fi loltuu of-duukaa buusee biyya keenya seenuun, marcuma afaan keenyaa fudhatee miti. Ergifannaan kun kara a seedataa, karaa daldalaa fi karaa walqunnamtii faa tureeyyu.
Harra Oromoota keessaa Oromoonni Oromiyaa Bahaa "sheexana" yoo jedhan, Oromoonni Lixaa, Jiddugaleessaa fi kan Kibbaa "seexana" jedhu. Karaa loqoddaale-tiin addadda tahan malee, jechuma tokkicha. Akkuma shimbirroo/ simbirroo, mishingaa/ misingaa, bishaan/ bisaan, Awaash/ Awaas, shukkaara/ sukkaara, mishira/ misira faa jedhamanii ti. As irratti Oromoonni Bahaa hundumaanuu isa "sh" of-keessaa qabu jedhu jechuu kiyyaa miti. Kan biraa hafeetoo, loqoddaa Maccaayyuu yoo fudhanne, warri Jahan Sayyoo (Dambi Doolloo) faa "bisaan" jedhu. Warri Torban Leeqaa, Torban Guduruu fi Torban Kuttaayee (Ambo) faa " bishaan" jedhu. Achuma Afran Walisoo, Jahan Ammayyaa fi Kudhalamaan Caboo faan "shukkaara", "mishira" yoo jedhan, Kuttaaye keessaa gariin "sukkaara", "misira" jedha. Jahan Bachoo, sadeen Sooddoo fi Kurnaan Gullallee faas akkuma Ammayyaa fi Waliso faatti jechoota kana himu. Sagalee Afaan Oromootiin "gosa" jedhamu yoo fudhanne: Ammayyi, Walisoo fi Kuttaaye waan ilmaan Sadan Liiban tahaniif gosuma tokko. Isaan kunuu sagaleewwan tokko tokko akka gargaraatti waamu jechuu barbaadeeni. Kunis waanuma afaanota biroo keessattis muldhatu waan taheef, kan nama raajeffachiisuu miti. Loqoddaaleen martinuu waan uummata keenyaan dubbatamaniif, qajeeloo fi sisirrii dha.  Garuu, gara fuulduraatti akka afaan keenya guutumatti afaan waaltawaa ("standard language") tahuu qabuuf, kanneen keessaa isa tokko filataniitoo manneen barmsaa faatti beeksisuun karaa nama baasu. Ammaaf, karaa kiyya kan: gurrattis, afaanittis, ijattis natti tolu isa "sh" of-keessaa qabu: shimbirroo, shukkaara, sheexana faa jechaa dha. 
Wanni (uumamni) "sheexana" jedhamu inni amantiiwwan dachee Falastiinaa fi naannoo san irraa maddan sadeen, jechuun Yuudummaa, Kiristaanummaa fi Islaamummaaf kitaabban qulqulluuwwan: Tooraa, Macaafa Qlqulluu fi Qoraana keessa jiru kun, karaa warra Habashaatiin nutti dhufe jechuutu mala. Amantii saba keenyaa, Waaqeffannaa (Oromee) keessa wanni "sheexana" jedhamu kun hin turre, hin jiru. Oromoon "ay yaanota" gaggaarii tahanii fi "ayyaanota" hamoo tahan ni qaba. Amma Oromoonni gariin "ayyaanota hamoo" kanaan "sheexana" jedhu. "Ayyaanonni hamoo"-n kanneen amantii Oromoo keessatti argaman bifaan: gurraachas, adiis, diimaas, magaalas miti. Garuu, "sheexanni" amantii warra Habashaa, Ortodoksii keessatti "gurraacha" taheetu argama. Egaa, sanyummaa warri Oroppaa-Ameerikaa afarsan sanitu Adowaa fi Gondorittis fudhatame jechaa dha. Akka amantii Kiristaanaa kan warra Ortodoksii Habashaatti dur "sheexanni" maleekaa tureeyyu. Inni balleessinaan Waaqni abaaree, wareegee "sheexana" isa taasise, jechaa namoota ofis, warra koloneeffatanis barsiisaa turani; ammallee ittuma jiru. "Sheexanni" isaanii kun Waaqaan morkaa oola. Waan Waaqni tolchee, gaaromsee hojjatu mara inni balleessaa oolee bula. Akka amantii Oromoo, akka Waaqeffannaatti Waaqni masaanuu ofitti hin uumne; h in uumusi! 
Seenaa gabaabaa kanaa olitti ibsame irraa kauuni, kan walaloon kiyya inni "QUBEE TOO" jedhamu, waayee "sheexanaa" irratti waa jedheeyyu:
                                          "---
                                          Qubee too
                                          Quba koo
                                          Sitti kaekaa jarri
                                          Jibbituun kee warri!
                                          Sheexanasaa waammatee
                                          Jinnii daboo kadhatee
                                          Si barbadeessuuf gamaa
                                          Gidiramaan namaa!
                                          ---"
 
Waan hundaafuu, anaaf "sheexanni" nama hojiin isaa, arrabnii fi harki isaa uumaa Waaqaatti duulee: abaaru, wareegu, arrabaa fi harkaan itti-duuletoo mancaasu. Anaaf fashistoonni, naaziiwwan, koloneeffattoonni faa isaan haqaa fi mirga ilmoon namaa uumamaan qabutti duulanii, ammallee duulaa jiran dhalawwan namaa, garuu warreen gogaa namaa uffatanii hojii fi gochi isaanii kan "sheexanaa" tahe. 
Harra Wayyaanonni qawween biyya keenya seenaniitoo ammallee, qawween uummataa fi saba keenya bitaa jiran namoota irri isaanii ilmoo namaa, garuu keessi isaanii sheexana tahe. Isaan namoota wanneen gaggaarii lallabaa, wanneen hamoo, kan gocha "sheexanaa" tahe hojjachaa jirani. Watar faatti Oromoota gorrauun, Gaara Suufiitti dhalawwan namaa jiraa isaanii majaa (waraabessa hamaa) sooruun, Karchalleetti, Qaallittiitti, Laaqii Dambalitti (Ziwaayitti), Habrootti, Gibee fi Dhiddheessaa faatti Oromoota kuma hedduun lakkaawaman waxalanii waaduun, bosona Oromiyaa barbadeessuun, biyyee fi Biyya Oromoo summeessuun, kunoo Oromoota fi uummata Anyuwaak faa buqqisaniitoo gaadduu fi saam tuu addunyaatti gurgurachuun hojii fi gacha sheexanaa kan hin taane, maaltu taharee?
Kunoo, Wayyaanonni waan uummataa fi saba Oromoo harka-kennisiisuu daddhabaniif, amma sheexanatti hirkataniitoo namoota akka qees Ballinaa fi Taamiraat Laayyinee faa daboo nutti kadhachaa jiru. Kutaa kanatti aanee dhufu keessatti, hojiiwwan qeesota Ortodoksii warra Habashaa fi kanneen biroo isaan dur irraa kaasanii, diina uummataa fi biyya keenya cinaa goruun ibidda sheexanaa nutti bittimsaa turanii fi gariin ammallee itti-jiran ilaallaa, mee nagaa fi nageenyaan naa bulaa! 
                                                      Itti-fufa! --- 
 
< Prev   Next >
Select Language
Afaan Oromoo
Radio
RBO Radio
Latest Events
Sorry, no events to display
Random Quotes

Ija jabaataa sirbi irraa hin fokkisu

Who's Online
We have 16 guests online