Barreeffata
kana kutaa isa
dabre keessatti, "hojiiwwan
qeesota
Ortodoksii warra Habashaa fi kanneen biroo isaan dur irraa kaasanii,
diina uummataa
fi biyya keenya cinaa goruun ibidda sheexanaa nutti bittimsaa turanii fi gariin ammallee
itti-jiran ilaalla", jedhameeti ture. Kunoo amma, isa
jedhame kanatu armaan gaditti itti-fufamaa mee obsaa keessan natti hin
qusatinaa!
Dur otoo Biyyi Oromoo Habashootaan
hin qabaminis tahee, oggaa qabamu san yommuu dureewwan mootummaa isaanii
biyya keenyatti duulan, dureewwan bataskaana isaanii, kan Ortodoksii takkaayyuu
biraa dhabamaniitoo hin beekani. Aadaa warra Habashaa taheeti,
ennaa matadeemtonni biyya isaanii Oromiyaas tahee, biyyoota Kibbaatti
duulanii biyya guban, namoota gorra'an, kaan immoo qabatanii akka hoolotaatti
gabaa biyya keessaa fi kan biyyoo alaatti gurguratan hooggantoonni bataskaana
kun cinaa isaanitii hin dhabamne. Yommuu waraanni isaanii kan mootii isaanitiin
durfamu Gondorii, Maqalee irr aa yookaan Ankobrii ka'u, phaapphasiin ortodoksii
fannoo ("masqalii")
qabateeti: "maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa afuura qulqulluutiin -
basima aab, basima waldi, basima manfas
qiddus!") jechuun hoqubeessee eebbisa. Booda oggaa loltuun
isanii achi irraa sochowu, phaapphasichi kun taabota lubbeewwan
(qeesota) baachisee mootii san moggaa deema. Yoommoo mootii mitii, abbaan
duulaa isaanii kan "raas"
jedhamu bakka isaa bu'eetoo kan waraana san oofu tahe: taabonni, abunni isaanii
fi eebbi kanaa olitti kaafame biraa hin hafu.
Oggaa Minilik mataan isaa
waraana isaa, kan loltuu kuma digdama of-keessaa qabu gaggeessetoo gooroo
Calanqootti Oromoota Barentuu (Harargee) laffarraa duguugu, ennaa bowwaa Aannoleetti
harka muraa fi harma muraa Oromoota Arsii irratti adeemsisu, yommuu dachee
Shaggar irratti Oromoota Gullallee, baddaa Darraatti (Salaaletti) waraanni isaa
kan ilma obboleessa isaatiin durfame O romoota qalee qalchiisu, oggaa goodaa
Bachoo fi goodaa Noonnootti Oromoota akka hokaatti waraanni isaa haamu, ennaa
baddaa Walisoo fi jala Sooddotti kan biraa hafee waraanni isaa qaama-hormaata
kan dhiiraa cicciratu, oggaa baddaa Caboo fi baddaa Kuttaayetti ruumechi
(joobirri) reeffa Oromoota quufu, yommuu sulula Guumaa fi kan Iluubbaa
Booraatti Raas Tasammaa Naadaw isaanii Oromoota dura goruun biyya
ofiitii lolan gorra'ee gorraasisu, dureewwan bataskaana isaaniis, taabonni
isaaniis biruma turaniiyyu.
Eekaa, dubbiinoo dubbii
Oromoof callaa tahaa turee mitii, oggaa waraanni Minilik gara-jabbeessichaa
uummatoota obbolaa Oromoo tahan kan akka Kafichoo, Dimmee fi Walaayitaa faa
lafarraa duguuguus dureewwan bataskaana sun achuma turani. Akkuma duula
Calanqoo fi duula Aaannoleetti Minilik mataan isaa waraana ofii gaggeessuun
Biyya Walaayitaatti duulee sanis, uummata Walaayitaa jagnicha
isa torban sadii guutu u waraana Habashaa ofirraa faccise san
phaapphasiin isaanii fi taabonni isaanii kabajamaan sun biruma turani.
Ee, oggaa loltuuwwan Habashaa gara-bineensummaa isaanii irraa kan ka'een,
Walaayitoota biyyaa fi biyyee ofiitii jecha kufan san, gadi ciisanii dhiiga
isaanii xuuxan, isaan kanaa olitti jedhaman kun lamaan Minilikuma cinaa
turani. Gaafa jeneraalli isaanii inni duraanuu, Oromoota Salaalee kan
humna qawweetiin jilbeeffachiisee masaraa (mana mootummaa) ofii
Ficheetti ijaarsisiifate sun, Raas Daargeen Oromoota Arsii, qeerransoota sanyii
qeerransootaa san humna qawwee ibiddaatiin moyee, warra harka
kennate immoo namoota dhibba kudhalama (12 000), harka isanii lamaanuu
irraa cirsiisuun morma isaaniitti fannisiisu, dureewwan bataskaanaa cinaa
isaati turani. Kana kan barreessuun nutti dabarse, Oromoo keenya yookaan
Kuushota keenya otoo hin taane, nama Amaaraa kan Gabra-Sillaasee
jedhamu, kan nugasaa fi raasota isaanii wajjin d eemetoo waan hundaa galmeessu
san ture.
Barreessitoonni Habashaa
garri irra caalan, waayee "biyya isaanii" isa kanaa olitti himamee
barreessuu irra gara biraatti fiiguu filatu. Koloneeffattonni Oroppaa akkana
godhan, Xaaliyaannonni akkas gochaa turanii faatti kaatu. Isa kana ibsuun
isaanillee hammeenya hin qabu, garuu isa funyaan isaanii jalaa maaf ijji
isaanii arguu diddee dha dubbiin. Dur, ee otoo waraanni warra Oroppaa kan:
Portugaal, kan Ispaanyaa, kan Faransaa, kan Jarmanii fi kan Biritaaniyaa
Guddoo dachee Afrikaa hin seenin, kan durseetoo uummatootaa fi saboota ardii
teenyaatti dhufuun jarreenii karaa saaqe (bane): imaltuuwwan, warra qorattuu
saayinsii ofiin jedhanii fi mishiinota.
Asittiis dureewwan
mootummaa fi dureewwan bataskaanaa harkaa fi harkeellaa (gaantii)
turani. Amma kan waan ka'ameef kana, gabaabinaan nuuf addeessu, dubbii
durreewwan Afrikaa kan bilis a-baaftuu turan keessaa isa tokko ture,
dubbii Joomoo Keeniyaataa ti. Ilaa akkana jedha Joomoon warra Keeniyaa: mishiinonni
Macaafa Qulqulluu qabatanii dhufuun nutti kennanii, harka keenya gara ruudatti
(samiitti) olqabanee, ija teenya dunuunfanne (cufannee) akka Waaqa kadhannu
nutti himani. Nuti akkuma isaan jedhan san goone. Booda oggaa nuti Waaqa
kadhannee raawwachuun, ija teenya banannu nu harka Macaafa Qulqulluu qofatu
jira. Isaan garuu, sabbuu (dahaaba), ifee ("diamond") fi meeta keenya harkaa qabuuyyu!
Egaa sabbuun, ifeen,
meetiin, sibiilboorri, sibiildeemaan, bunni, kakawoon, jibriin (jirbiin),
kudiraa fi fudiraan Afrikaanota keenyaa isaan Faranjoota Oroppaatiin
koloneeffamanii barruu koloneeffattotaa keessatti-woo hafee, kan
Oromiyaa, kan dhalawwan Kuushii fi kan warra kaan isaan
Habashootan dagabaafamanii-woo barruu eenyu keessatti hafe-laa? Ammallee
barruu eenyuu faa keessa jira-laa? ;Isa kanaa fi kanneen biroo kutaa
sadaffaa keessatti walumaan ilaallaa, mee hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee
keessanii hin dhabamini!