Home
GABUO.org
Home   Contact Us   About GABUO  About Oromiyaa   RBO Radio  Web Links Afaan Oromoo
Main Menu
Home
News
Press Release
Resolution
Articles
Contact Us
Search
News Archives
Key Concepts
Gada System
Colonial Experience
Community
Discussion Board
Web Links
Events
Walaloo
Important Links
A. Oromiyaa Portal
Oromia Publishing
Login Form





Lost Password?
Feb 06 2010
SHEEXANOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Sadaffaa Print E-mail
Saturday, 06 February 2010

 

 Taammanaa Bitimaa irraa

Barreeffata kana kutaa lam maffaa keessatti, "--- sabbuun, ifeen, meetiin, sibiilboorri, s ibiildeemaan, bunni, kakawoon, jibriin (jirbiin), kudiraa fi fudiraan Afrikaanota keenyaa isaan Faranjoota Oroppaatiin koloneeffamanii barruu koloneeffattotaa keessatti-woo hafee, kan Oromiyaa, kan dhalawwan Kuushii fi kan warra kaan isaan Habashootan dagabaafamanii-woo barruu eenyu keessatti hafe-laa? Ammallee barruu eenyuu faa keessa jira-laa? Isa kanaa fi kanneen biroo kutaa sadaffaa keessatti walumaan ilaallaa", jedhameeti tureeyyu. Kunoo amma, isa waadaan galameef sanitu dhiyaataa mee yeroo fi fedhiin isiniif hayyame barreeffata kana duukaa buaa!

 

 

Kutaa isa dabre keessatti akkamitti warri Habashaa uummata keenya, qawwee ibiddaatiin dirree waraanaatti mowuun akka of-jala galchan agarreeti jirra. Jarri erga biyya eenya barruu ofii keessatti galfatanii booda, uummata keenya irraa lafa handh uuraa isaa tahe sarbachuun of-harka galfatani. Waan Oromoota tokko tokko malee, biyya kolonee ffatan kana bituu hin dandeenyef, lafa fudhatan san keessaa dhibbayyaa 30 (30 %) durreewwan Oromoo kanneen isaan: "baalabbaata", "ciqaa-shuumii" faa jedhaniif kennani. Dureewwan uummata Oromoo kun durmaanuu: abbootii gadaa (abbootii bukkuu), abbootii duulaa, abbootii lookoo (abbootii qoroo), abbootii sangaa fi abbootii lagaa faa turani. Bakka baay'eetti isaan kana uummatumatu akka isaan itti-gaafatama qunnamtii mootummaa Habshaa kan isaan moye wajjin deemsisan fowate (filate). Egaa, bakka danuutti abbootii gadaa faatu, gadi deebifamuun "baalabbaata" fi "ciqaa-shuumii" jaraa tahe jechaa dha. Warri Amaaraa mammaaksa "indaanqoo gowwoomsuuf, (akka sangaatti) fe'umaan kuffisu" jedhamu qabu. Abbaa gadaa Oromoo isa waaqaa gaditti, lafaa olitti isa malee bulchaan biyyaa wayii hin jirre sanitu kunoo amma, si m uunne (si shuumne) jedhameetoo shuumii isa miila-jalaa, "ciqaa-shuumii" isaanii tahe jec haa dha!

Lafa Oromoo, kan sabaa fi sabeewwan Kibbaa dhibbayyaa 70 (70 %) isa mootummaan Minilik fudhate san bakka sadiitti qoodamuun: dhibbayyaan 30 Minilikii fi warra isaa, dhibbayyaan 30 abbootii duulaa fi loltuuwwan isaanii, dhibbayyaan 30 immoo bataskaana Ortodoksiitii kenname. Jarri Gondorii fi Maqalee irraa qawwee Oroppaa irraa kadhaan argame, dabaloo (kaldhee hoolaa) fi bututtuu isaanii malee, wanneen qabataniitoo Biyya Oromoo fi Biyyoota Kuushotaa faa dhufan homtuu hin turre. Kanaaf, lafti uummataa akka mindaatti isaanii kenname. Akkuman kanaan dura bakka baay'eetti kaase, dureewwan bataskaana Habashaa akkuma: Raas Daargee, Raas Birruu, Raas Geetaachoo, Raas Mokonnin (abbaa Hayila-Sillaasee), Raas Tasammaa Naadaw, Raas Damissee, Dajjaach Layyee, Dajjaach Gaarradaw Waldee (abbaa haadha Raas Masfin Silashii), Weezaroo Altaayyee --- faatti abbaa lafaa ture. Bataskaanni isaanii akkuma nafx anyoota isaanii isaan kanaa olitti tarreeffanii faa qotattoota Oromoo fi kan warra Kuush faa: irboo, sisoo fi hirtaa (qixxee) safarsiifachuun dafqaa fi dhiiga uummata keenyaa xuxxuuxaa hamma bara Durguu gayani.

Hacuuccaan (miiddhaan), roorroo fi arrabsoon durreewwan bataskaana Habashaa uummata Oromoo fi uummatoota obbolaa isaa irraan gayaa turan, isa armaa olitti addeeffame callaa irratti hin dhaabatu. Bara dukkanaa san dukkanaa fi waarroo isaanii uffatanii waan isaan uummatoota keenya irra dhaqqabsiisaa turan: Waaqa, lafaa fi uummata Oromoo, uummata Walaayitaa, uummata Kafichoo, uummata Hadiyyaa, uummata Kambaataa, uummata Sidaamaa (Sidaamoo), uummata Gede'oo, uummata Kuullo-Kontaa, uummata Gumus, uummata Benishaangul, uummata Gambeelaa faatu beeka. Dureewwan mootummaa Habashaa uummatoota kana oggaa isaan akka h oolotaatti gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti ittiin daldalaa f daldalchiisaa tur an, dureewwan bataskaana Ortodkisii isaanuma cinaa turaniiyyu. Minilik mataan isaa idda uummata Waalayitaa duguugee duguugsisee booda, Walaayitoota gabroomfate keessaa kuma tokkoo ol (1000 +) Gondoritti tirmaadhaa (naqata warra soddaatii) akka ergeeyyu, Gabra-Sillaasee fayiin galmeeffameeti jira.

Kana malees, bara san Oromoon hoomisha loon isaallee akka hin nyaanne, akka hin dhugne taasifamee ture. Hoggantoonni bataskaanaa kan hojii fi gochi isaanii kan sheexanaa ture kun, lubbeewwan (qeesota) isaanii gandeen keessa labsiisuun "guyyaa kana, torban kana, baatii kana: ittoo, qimxoo, dhadhaa, foon, buupphaa faa hin nyaatinaa; itittuu, baaduu, areera fi hayeetuu faa hin dhuginaa; gaafa akkanaa gaafa akkasii ayyaana wanna tayeef, hin qotinaa, hin haaminaa, hin haraminaa, hin dhayinaa; man a hin ijaarinaa, qeyee keessan hin qulqulleessinaa ---" jechuutti gattaa'ani! Ba ras Oromoon rakkannaan: dhokseetoo midhaanii-bishaan ofii dhamdhamuu, dhoksees hojjatachuu jalqabe. Kan Oromoota Bachoo nafxanyoota fi qeesota isaanii akkasitti akka jibbu isa godhe keessaa, inni tokko waayee kanaa olitti ibsamee ti. Kan nfxanyoonni fi qeesonni isaanii Oromoota Bachoo akkasitti jibban, akkasittis maqa-xureessii irratti oofaa turan, waan Oromoon Bachoo funyaan Shaggar jalatti, aadaa fi afaan isaa akka qaroo ija ofiitti egachaa turuun, nafxanyoota dafqaa fi dhiiga isaatiin gooban sanitti ijaa fi adaamii (adaama) tureefi.

Nafxanyoonni baddaa Biyya Amaaraa fi baddaa Biyya Tigree irraa, uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaatti qawween dhufan kun, siree irra ciisanii uummatoota koloneeffaman kana: qochisiifatanii, dallaa fi manneen ijaarsisiifatanii, horii tikifachiifatanii, dubartoota akka wandaqaatti manaa fi qeyee keessa hojjac hiisifatanii, ijoollee jala-kaattuu gangolii isaanii godhatanii --- ta'aniitoo akka sanga a fardaa Oromootti sooramaa turani. Aadaa fi duudhaa jarreen kana taheeti: dhibaawummaan, goomattummaan ("miqqanyummaan"), qaruutummaan, of-tuulummaan, soba himanii himsiisuun, mana dhoqqee keessa taa'anii akka waan qaroominaan akka warra Oroppaatti sokkaniitti of-laaluun --- faa biyya dhuunfate. Jarreen kana karaa of-tuuluu fi ol-of-guurutiin, bututtuu uffatanii warra bullukkoo oolgate tuffachuun, ennaa kadhattuu tahanii warri Waaqa sodaate waa isaanitti hiixate, tuffachuu fi arrabsuun amala isaanii ture. Garri irra caalan ammallee dhaqdhaqii (hin-quuftuu, laaqii) kana keessaa of-baasuu hin dandeenye. Karaa kanaan addunyaa tana keessaa sadarkaa tokkoffaa irratti argamuu laata?

Jarreen hojii fi gocha sheexanaatiin guutaman kun kana bira dabruun, akka Oromoon du'aa isaallee akka fedhee fi akka duudhaa isaatti hin awwaallanne mootummaan labsee, bataskaanni immoo magane ("gazzate") dhoorke.&nb sp;Aadaa fi duudhaa Oromoo keessatti dur uummanni akka lamatti nama du'e awwaallata. Tokko namoonni ganda tokkoo cufti bakka tokko filatanii, bakka sanis dallaa fi mukaan marsanii kan boqote achitti awwaalu. Bakki awwaalaa inni akkanaa kun kaabbaa jedhama. Awwaala namaa irraa fi naannoo isaatti mukkeen: akka birbirsaa, ejersaa, heexoo, gaattiraa, harbuu, qilxuu faa dhaabamuun iddoon kun lalisaa fi magariisa tahee eegama. Faranjoonni bara akaakayyuu Minilik, bara Saahila-Sillaasee (oggas Oromoon bilisaa fi walaba ture) ganda teessoo mootummaa isaanii Ankoobar keessa turan: massaalee (sababoota) isaan Oromoo akkasitti jajanii fi faarsan isaan godhe keessaa inni tokko, akkaataa Oromoon lafa awwaalaa kunuunsee eeggatu arguu irraa kan ka'een ture. Akki Oromoon nama itti-awwaalu inni lammafaan immoo: abbaan fedhe qeyee fi na annoo isaatti fira ofii awwaallachuu dha. Ammoo, jarreen erga dhufanii isaan kana lamaanuu dhoowwuun, uummanni akka bataskaana isaanii duwwaatti wal-awwaalu seera itti-baasanii, seerallee itti-tahani. 

 

 

 
Next >
Select Language
Afaan Oromoo
Radio
RBO Radio
Latest Events
Sorry, no events to display
Random Quotes

Sanyii ibidaa daaratu nama guba

Who's Online
We have 12 guests online