Barreeffata kana
kutaa lam maffaa keessatti, "--- sabbuun,
ifeen, meetiin, sibiilboorri, s ibiildeemaan, bunni, kakawoon, jibriin
(jirbiin), kudiraa fi fudiraan Afrikaanota keenyaa isaan Faranjoota
Oroppaatiin koloneeffamanii barruu koloneeffattotaa keessatti-woo
hafee, kan Oromiyaa, kan dhalawwan Kuushii fi kan warra kaan isaan
Habashootan dagabaafamanii-woo barruu eenyu keessatti hafe-laa? Ammallee
barruu eenyuu faa keessa jira-laa? Isa kanaa fi kanneen biroo kutaa
sadaffaa keessatti walumaan ilaallaa", jedhameeti
tureeyyu. Kunoo amma, isa waadaan galameef sanitu dhiyaataa mee yeroo fi
fedhiin isiniif hayyame barreeffata kana duukaa buaa!
Kutaa isa dabre keessatti
akkamitti warri Habashaa uummata keenya, qawwee ibiddaatiin dirree waraanaatti
mowuun akka of-jala galchan agarreeti jirra. Jarri erga biyya eenya
barruu ofii keessatti galfatanii booda, uummata keenya irraa lafa handh uuraa
isaa tahe sarbachuun of-harka galfatani. Waan Oromoota tokko tokko malee,
biyya kolonee ffatan kana bituu hin dandeenyef, lafa fudhatan san keessaa
dhibbayyaa 30 (30 %) durreewwan Oromoo kanneen isaan: "baalabbaata", "ciqaa-shuumii" faa jedhaniif
kennani. Dureewwan uummata Oromoo kun durmaanuu: abbootii gadaa (abbootii
bukkuu), abbootii duulaa, abbootii lookoo (abbootii qoroo), abbootii sangaa fi
abbootii lagaa faa turani. Bakka
baay'eetti isaan kana uummatumatu akka isaan itti-gaafatama qunnamtii mootummaa
Habshaa kan isaan moye wajjin deemsisan fowate (filate). Egaa, bakka
danuutti abbootii gadaa faatu, gadi deebifamuun "baalabbaata" fi "ciqaa-shuumii" jaraa tahe jechaa
dha. Warri Amaaraa mammaaksa "indaanqoo
gowwoomsuuf, (akka sangaatti) fe'umaan
kuffisu" jedhamu qabu. Abbaa gadaa Oromoo isa waaqaa gaditti,
lafaa olitti isa malee bulchaan biyyaa wayii hin jirre sanitu kunoo
amma, si m uunne (si shuumne) jedhameetoo shuumii isa miila-jalaa, "ciqaa-shuumii" isaanii tahe jec haa
dha!
Lafa Oromoo,
kan sabaa fi sabeewwan Kibbaa dhibbayyaa 70 (70 %) isa
mootummaan Minilik fudhate san bakka sadiitti qoodamuun: dhibbayyaan
30 Minilikii fi warra isaa, dhibbayyaan 30 abbootii duulaa fi loltuuwwan
isaanii, dhibbayyaan 30 immoo bataskaana Ortodoksiitii kenname. Jarri Gondorii
fi Maqalee irraa qawwee Oroppaa irraa kadhaan argame, dabaloo (kaldhee hoolaa)
fi bututtuu isaanii malee, wanneen qabataniitoo Biyya Oromoo fi Biyyoota
Kuushotaa faa dhufan homtuu hin turre. Kanaaf, lafti uummataa akka mindaatti
isaanii kenname. Akkuman kanaan dura bakka baay'eetti kaase, dureewwan
bataskaana Habashaa akkuma: Raas Daargee, Raas Birruu, Raas Geetaachoo, Raas
Mokonnin (abbaa Hayila-Sillaasee), Raas Tasammaa Naadaw, Raas Damissee, Dajjaach
Layyee, Dajjaach Gaarradaw Waldee (abbaa haadha Raas Masfin Silashii),
Weezaroo Altaayyee --- faatti abbaa lafaa ture. Bataskaanni isaanii akkuma nafx
anyoota isaanii isaan kanaa olitti tarreeffanii faa qotattoota Oromoo fi kan
warra Kuush faa: irboo, sisoo fi hirtaa (qixxee) safarsiifachuun dafqaa fi
dhiiga uummata keenyaa xuxxuuxaa hamma bara Durguu gayani.
Hacuuccaan (miiddhaan),
roorroo fi arrabsoon durreewwan bataskaana Habashaa uummata Oromoo fi
uummatoota obbolaa isaa irraan gayaa turan, isa armaa olitti addeeffame callaa
irratti hin dhaabatu. Bara dukkanaa san dukkanaa fi waarroo isaanii
uffatanii waan isaan uummatoota keenya irra dhaqqabsiisaa turan:
Waaqa, lafaa fi uummata Oromoo, uummata Walaayitaa, uummata Kafichoo, uummata
Hadiyyaa, uummata Kambaataa, uummata Sidaamaa (Sidaamoo), uummata Gede'oo,
uummata Kuullo-Kontaa, uummata Gumus, uummata Benishaangul, uummata Gambeelaa
faatu beeka. Dureewwan mootummaa Habashaa uummatoota kana oggaa isaan akka h
oolotaatti gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti ittiin daldalaa f
daldalchiisaa tur an, dureewwan bataskaana Ortodkisii isaanuma cinaa
turaniiyyu. Minilik mataan isaa idda uummata Waalayitaa duguugee duguugsisee
booda, Walaayitoota gabroomfate keessaa kuma tokkoo ol (1000 +)
Gondoritti tirmaadhaa (naqata warra soddaatii) akka
ergeeyyu, Gabra-Sillaasee fayiin galmeeffameeti jira.
Kana malees, bara san
Oromoon hoomisha loon isaallee akka hin nyaanne, akka hin dhugne taasifamee
ture. Hoggantoonni bataskaanaa kan hojii fi gochi isaanii kan sheexanaa
ture kun, lubbeewwan (qeesota) isaanii gandeen keessa labsiisuun "guyyaa kana, torban kana, baatii kana:
ittoo, qimxoo, dhadhaa, foon, buupphaa faa hin nyaatinaa;
itittuu, baaduu, areera fi hayeetuu faa hin dhuginaa;
gaafa akkanaa gaafa akkasii ayyaana wanna tayeef, hin qotinaa, hin
haaminaa, hin haraminaa, hin dhayinaa; man a hin ijaarinaa, qeyee keessan hin
qulqulleessinaa ---" jechuutti gattaa'ani! Ba ras Oromoon
rakkannaan: dhokseetoo midhaanii-bishaan ofii dhamdhamuu, dhoksees hojjatachuu
jalqabe. Kan Oromoota Bachoo nafxanyoota fi qeesota isaanii akkasitti akka
jibbu isa godhe keessaa, inni tokko waayee kanaa olitti ibsamee ti. Kan
nfxanyoonni fi qeesonni isaanii Oromoota Bachoo akkasitti jibban, akkasittis
maqa-xureessii irratti oofaa turan, waan Oromoon Bachoo funyaan Shaggar
jalatti, aadaa fi afaan isaa akka qaroo ija ofiitti egachaa turuun,
nafxanyoota dafqaa fi dhiiga isaatiin gooban sanitti ijaa fi adaamii (adaama)
tureefi.
Nafxanyoonni baddaa Biyya
Amaaraa fi baddaa Biyya Tigree irraa, uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaatti
qawween dhufan kun, siree irra ciisanii uummatoota koloneeffaman kana:
qochisiifatanii, dallaa fi manneen ijaarsisiifatanii, horii
tikifachiifatanii, dubartoota akka wandaqaatti manaa fi qeyee keessa hojjac
hiisifatanii, ijoollee jala-kaattuu gangolii isaanii godhatanii --- ta'aniitoo
akka sanga a fardaa Oromootti sooramaa turani. Aadaa fi duudhaa jarreen kana
taheeti: dhibaawummaan, goomattummaan ("miqqanyummaan"),
qaruutummaan, of-tuulummaan, soba himanii himsiisuun, mana dhoqqee keessa
taa'anii akka waan qaroominaan akka warra Oroppaatti sokkaniitti
of-laaluun --- faa biyya dhuunfate. Jarreen kana karaa of-tuuluu fi
ol-of-guurutiin, bututtuu uffatanii warra bullukkoo oolgate tuffachuun,
ennaa kadhattuu tahanii warri Waaqa sodaate waa isaanitti
hiixate, tuffachuu fi arrabsuun amala isaanii ture. Garri irra caalan
ammallee dhaqdhaqii (hin-quuftuu, laaqii) kana keessaa of-baasuu hin
dandeenye. Karaa kanaan addunyaa tana keessaa sadarkaa tokkoffaa irratti
argamuu laata?
Jarreen hojii fi gocha
sheexanaatiin guutaman kun kana bira dabruun, akka Oromoon du'aa isaallee akka
fedhee fi akka duudhaa isaatti hin awwaallanne mootummaan labsee,
bataskaanni immoo magane ("gazzate")
dhoorke.&nb sp;Aadaa fi duudhaa Oromoo keessatti dur uummanni akka lamatti
nama du'e awwaallata. Tokko namoonni ganda tokkoo cufti bakka tokko filatanii,
bakka sanis dallaa fi mukaan marsanii kan boqote achitti awwaalu. Bakki
awwaalaa inni akkanaa kun kaabbaa
jedhama. Awwaala namaa irraa fi naannoo isaatti mukkeen: akka birbirsaa,
ejersaa, heexoo, gaattiraa, harbuu, qilxuu faa dhaabamuun iddoon kun
lalisaa fi magariisa tahee eegama. Faranjoonni bara akaakayyuu Minilik, bara
Saahila-Sillaasee (oggas Oromoon bilisaa fi walaba ture) ganda teessoo
mootummaa isaanii Ankoobar keessa turan: massaalee (sababoota) isaan
Oromoo akkasitti jajanii fi faarsan isaan godhe keessaa inni
tokko, akkaataa Oromoon lafa awwaalaa kunuunsee eeggatu arguu
irraa kan ka'een ture. Akki Oromoon nama itti-awwaalu inni lammafaan
immoo: abbaan fedhe qeyee fi na annoo isaatti fira ofii awwaallachuu dha.
Ammoo, jarreen erga dhufanii isaan kana lamaanuu dhoowwuun, uummanni akka
bataskaana isaanii duwwaatti wal-awwaalu seera itti-baasanii,
seerallee itti-tahani.
Kan nama
dhibu, warri Habashaa bataskaana qofatti nama awwaalladdhaa jechuun uummata
abboomanii, magananis malee, bataskaanumallee bakka barbaachisutti ijaaruu fi
ijaarsisuuf humni isaanii hin hayyamuuf ture. Mee isa kana fakkeenya tokko
qofa Oromiyaa teenya keessaa, naannoo Afran Walisoo callaa fudhanneetoo
hamma tokko haa ilaallu! Waan barreeffanni kun isinitti dheeratee, elektiroonni
kompuutaraa ijjeeni fi qalbii teessan hin jeeqneef, as irratti dhaabuun
bulfanneetoo boru yookaan iftaan itti-deebinaa, mee hammasitti nagaan naa
oolatii bulaa!