|
Taammanaa Bitimaa irraa
Barreeffata kana
kutaa afraffaa keessatti: "Waan lafti goota malee,
goonnis lafa malee hin jirreef, dubbii ka'ameef san, qabiinsa lafa Oromoo isa
bataskaana Habashaatiin qabamee otoo hin ibsin waa xiqqoo-shii waayee biyya
Sadan Liiban, biyya Afran Walisoo faa keessaa waa isinitti himame. Kutaa
itti-aanu irratti ittuma seenneti waayee lafaa fi waayee warra sheexanaan
"dhufee" sanii xiinxallaa, mee nagaa fi nageenyaan naaf bulaa!",
jedhameeti ture. Kunoo, amma akkuma jedhame sanitti, inni jedhame sun
itti-fufamaa, mee obsa, qalbii fi qalbeeffata keessan wajjin duukaa bu'uuf
yaalaa!
Koloneeffattoonni
Habashaa erga Oromoota garaa
sonaan irra caalan dirree waraanatti, waraanaan cabsanii mowuun biyya
keenya
qabatanii, sodaa fi bir'annaa malee rafanii buluu hin dandeenye. Waan
uummata
Oromoo isa humna qawweetiin of-jala galchan san irraa sodaa hedduu cumaa
tahe
qabaniif, manneen kophaatti ijaarsifachuun qawwee boraafatanii rafu
turani.
Mannee fi gandeen isaan oggaa san ijaarsifatanii keessa jiraatan sun
Afaan
Ingiliziitiin "garrison town" yoo jedhaman afaan isaanii,
Afaan Amaaratiin immoo "misshig" jedhama. Misshigii isaanii
kanatu booda gara magaalattiiwwanitti, olee bulee immoo gara
magaalaawwanitti
guddachuun geeddarame. Magaalaawwan biyyoota Oromoota Gibee faa, Naqamte
faa,
Gidaamii faa, Harar faa fi Warra Iluu faa irraa kan hafan dirawwanii fi
magaalaawwan Oromiyaa keessatti argaman hedduun "misshigoota"
kana turani. Ennaa baay'ee magaalaawwn kun akka Asallaa, Gobbaa,
Diillaa, Dambi
Doolloo, Geedoo, Ejeree ("Addis Alam") faa tulluu
yookaan tullubbee (koobii) irratti kan hundeeffamani. Jarri kun achi
irratti masshagatanii Oromoo isaan marsee jiru san halkanii guyyaa
bir'achaa towatu.
Kutaa isa dabre
irratti fakkeenya tokkicha qofa, naannolee Oromiyaa keessaa naannoo
Afran
Walisoo fudhachuun addeessineeti turre. Ammas mee waayee lafa Oromoo
isa bataskaana Habashaa harka galee san, naannoodhuma kana irraa kaanee
waa haa ilaallu! Nafxanyoonni moofeyyiin erga waraana Oromoo Afran
Walisoo mowuun biyya qabatanii dursanii misshigii isaanii kan ijaarratan
Tulluu Boddaa irratti. Warri Shaggar irraa kaatanii gara magaalaa Amboo
yookaan Naqamtee deemtan, magaalaa Giincii oggaa geessan gara harka
bitaa,
gara kibbaa yoo ilaaltan tulluuwwan akka lakkuutti xiqqqoo wal irraa
siqanii jiran agartu. Bakki tulluuwwan kanaa magaalaa Giincii
irraa wantee
(kiilomeetira) 20 qofaa fagaatee argama. Naannoon Afran Walisoo Bodda
jedhamee beekamu kun lookoowwan Oromoon Walisoo nan qaba jedheetoo
himatu
saglan keessaa isa tokko. Inni kun biyya Afran Walisoo keessaa isa gara
kaabaatti argamu. Lookoowwan kun duraan biyyoota abbootii duulaa sagalii
turani. Abbootii duulaa kan Boddaa keessaa inni bantii tureeyyu Goobana
Bixuu isa cimsee waraana Habashaa dura gore ture. Goobana Bixuu kan
uummataan
Abbaa Caalaa jedhameetoo beekamu, fardi farda isaa dura dhaabatu hin
turre
jedhama.
Habashoonni "keenya"
biyya akkanaa fi nama akkanaa cabsaniitu Biyya Oromoo isa karaa kanaan
jiru
qabatani. Karaa lixaatiin waraana Walisoo kan naannolee Dandii fi
Qaqaldhiitu ture, karaa kibbaa waraana Walisoo kan naannoo Daawotu
jira, karaa bahaa waraana Bachoo, waraana Shabbuu Bordee kan eenyuyyu
dura
ijaajjuu hin dandeenye sanitu ture, karaa kaabaa waraana Oromoo Abeebe
Kuttaayee kan Boojiyaa Hasaquu fi kan Waamii Garoo ollachiisaa saniitu
ture. Isaan kanaa olitti ibsaman kun moyamanii harka kennatanillee akkum
jirutti Oromoota kana lafarraa doguuguun waan hin dandayamneef, sodaan
Habashootaa akkaan cimaa dha ture. Kanaaf, Tulluu Boddaa irratti
masshagatanii halkaanii guyyaa of-eegaa turani. Tulluu kana irra
dhaabataniiti, taa'aniiti goodaa Bachoo fi Abeebe Kuttaayee fi Macca
Waamii
Garoo, Bodda-Bashii* Abbaa Caalaa faa keessaa waan sochowu mara towachaa
of-irraa eeggatu jechaa dha. Qusee Dingee booda Habashaa akkasitti
tajaajilee,
gara booda immoo isaanumaan galafatame sunillee asuma waraana Walisoo
kan Dandii fi Boddaa keessaayyi boojiyameeyyu.
Booda Tulluu Boddaa
isa tokko irratti bataskaana isaanii kan Aabboo jedhumu ijaarratani.
Bakki bataskaanni irratti ijaarame kun bakka dur Oromoon yaa'ee Waaqa
ofii
itti-kadhatu ture. Bakka tolcha Boddaatu Abboo Boddaa tahe jechaa dha.
Habashoonni Biyya Oromoo bakka cabsan maratti lafa Oromoon yaa'ee
itti-waaqeffatu bataskaana isaanii itti-ijaarratani. Asi irraatti
fakkeenyi cimaan naannoo Afran Qalloo, kan isaan harra Gabreelii
Qullubbii
jedhaniin sani. Bakki kun kan duraan Oromoon naannoo kanaa buqqayee
bawuun
achitti waqeeffatu ture. Aabboo Boddaa kun biyya Afran Walisoo guutuu
keessaa
bataskaana jaraa isa duraati ture.
Booda takka turanii
Boodda irraa Gooroo Dandii bayinii, bu'anii hara Dandii kan asitti
Dambal Dandii jedhamu cinaatti Maaramii Dandii ijaaruun, bataskaana
isaanii keessaas isa "caalu", isa gadaamii jedhamu
taasifatani. Maaramii Dandii tun lafa wantaalee danuu qabdi. Lafti kun
immoo kan uummata Oromoo irraa fuudhatamee ishiidhaa kenname
ture. Dubbiin
bataskaana Habashootaa kun, kan callaa irratti yoom dhaabata?
Fakkeenyaaf:
biyya Walisoo keessaa Qaqaldhii fi Dandi keessaa Oromoonni lafa qaban,
kan
lafuma ofii deebisanii nafxanyoota irraa bitatan gariin isaanii gibira
lafaa
mootummaaf miti kan galchan, Maaramii Dandiitifi malee. Warri gibira
mootummaa
Habashaatii galchu, jechuun Boodda, Dandii fi Qaqaldhii irraa magaalaa
Giincii
dhaqee gibira galcha. Warri Maaramiif gibira galchu immoo Maaramii
Dandii
dhaquudhani. Kunoo, bataskaani Ortodoksii Habashaa takka abbaa-lafaa
takka
immoo mootummaa taheeti hoomishaa fi dhiiga uummata Oromoo xuuxxachaa
ture.
Waayee biyya Afran Walisoo kanan filaddhee asi irratti kaaseef, dhugoo
fi
dhugaa qabatamaa tahe dhiyeessuun waayee Oromiyaa mara isa calaqqisiisu
ibsuufani.
Bataskaanonni duraan
ijaaram kun jechuun kan akka Maaramii Dandii dureeyyii dha. Abbootii
lafaatisi.
Isaan akkanaa immoo Habshoonni bakka hundaattuu ijaaruu hin dandeenye.
Humni
yeroo san qabn isaanii hin hayyamu ture. Akkuma barreeffta kana, kutaa
biraa
keessatti jedhame uummanni Oromoo akka du'aa isaa bataskaana duwwaatti
awwaallatu mootummaan ajajamee, dureewwan bataskaanatiin immoo maganame.
Uummanni rakkannaan ofumaan warri lafa qabu lafa keenuun bataskaana
ijaarrachuu jalqabe. Baskaanni uummataan ijaarame kun hedduu hiyyeessa.
Silaa
ennaa san Oromoon lubbee (qeesii) hin tahuu ture, qeesii Gondorii
faa dhufe wayii barbaadanii mindeessuun midhaanii fi horoo walitti
buusanii kennuufi. Fakkeenyaaf: uummanni Qaqaldhii Walisoo, keessumaa:
Kotoba,
Kabaashee, Gafarsa, Shimala, Jawwee, Dhalata, Gareeruu, Maaruu Warra
Tolaaa faa
rakkannaan warri Gurree Birqii faa Lafa kennanii Garbeelii Kotobaa
ijaarratani.
Haatahu malee, waan
Maaramii Dandii bakka dur Oromoon itti-waaqeffatutti ijaarameef,
waggaatti
gaafa ishiin ayyaaneffatamtu "naggaftu", jechuun Furma 21
uummanni naannoo kanaa buqqayee bawuun achi dhaqa. Uummanni
garri dhibbayyaa 90 (90 %) akka Amaaraatti, ayyaana warra Amaaraa kana
ayyaaneffachuufii miti. Bakka saniis, Waaqa isaa sanis waan hin
irraanfanneef,
achi dhaquun bakka agarsiisa aadaa ofiitti jijjiirrate. Fakkeenyi kun
kan Dandi
yookaan biyya Afran Walisoo qofaa ilaaluu miti. Tuulamaa fi Macca Bahaa
guutuu
keessatti akkanuma. Oromoon akka aadaa ofiitti sirbee, akka aadaa
ofiitti
dhiichisee, ragadee dachee sochoosuuf, booda immoo dirree garmaamaa
dhaqee
gusii isaa kan raajeffatamu san gochuufi.
Gaafa Maaramii Dandii
ayyaaneffatamtu kana karaa sirbaa fi gugsii raajidhumatu achiitti tahaa
oola.
Karaa lixa Qaqaldhiin Walisoo inni shimalaa fi gugsiif dhalate jedhamu
warri
fardaa bakka hedduutti gurmuu gurmuun, lafoon bakka hedduutti gurmuu
gurmuun
sirbaa, dhiichisaa; karaa kibbaa Raccee* fi Dheeraa Walisoo, karaa
bahaa Boddii fi Dandi gara bahaa maqaa Bashii* jedhamuun of waamee;
warri
Gooroo Dandii fi Maatiin sirbaa dhichisaa ennaa dhufu waan Oromiyaa
guutuu
irraa namni achitti walitti yaa'e fakkata. Booda oggaa taabonni bayeetoo
mana
ofii san naannawuuf jedhu, Oromoon kee warra baalabbaatotaa fi
nafxanyootaa yoo tahe malee, isa quba hin qabu. Booda namni tokko gadi
bayee karra irraa dhaabachuun warra karra duraa fi dirree keessa
dhabbatee
sirbun: "maaloo yaa jarana, taabonni bayeeraa xinnoo-shii nuu
obsaa!", jedha. Gariin isaanii xiqqoo obsanillee garri irra caalu
kana
quba hin qabuu, dhiichisaan lafa sochoosa, awwayyaa fi ragadaan qama
ofii
leenjisa.
Kana booda walqabatee
lafa garmaamaa bakka itti-gugsiin tahu dhaqa. Gugsiin Oromoo
inni Pirofeesar Haberland: "ija tiyyan amanuu daddhabe",
jedheetoo dinqeeffatu sun hamma gala-jabbileetti itti-fufa. Oromoon
lafti isaa
irraa fudhatamullee, bakki waaqeffannaa isaa irraa mulqamullee, aadaan
isaa
abaaramee dhoowwamuuuf aggaamamullee itti-cichee aadaa fi afaan ofii
qarriffoo ofiitti qabatee kunoo nuu fi dhaloota qubeetiin gaye. Egaa,
nutis, dhaloonni qubees amma maal faa gochu qabna-ree? Maal maal faa
gooneti
Oromiyaa teenya kottee Habashoota Wayyaanee fi Habashoota biroo harkaa
baasuun
bakka uumamaa fi uumaan qabdu saniin, bilisummaa fi walabummaan ishii
geenya-ree? Isaan akkanaa kana kutaalee kanatti aananii dhufan keessatti
ilaallaa, mee hammasitti nagaa fi nageenyaan oolatii naa bulaa!
Itti-fufa
---!
============ Hubachiisa
Miiljalee = ===========
*Maqaalee kun lachuu
jechuun Bashiinis, Racceenis
jechootuma Afaan Oromoo ti. Lafti dirree oggaa bokkaan itti-roobe, kan
bishaan roobaa sun dafee lafa keessa hin seenetoo jira. Lafti akkanaa
kun
yommuu irra ijjatan miila namaa jalatti "bash bash"
jedha. Bashiin kana irraayyi dhufe. Racceen immoo sagalee "bash
bash" yookaan "tar tar" jedhu otoo hin
taane, sagalee "rac racac" jedhamu kennu irraayyi
dhufe, jedhu manguddooleen naannoo kanaa kan akka: Dilgaasaa Sobbooqaa
Gaashoree, Manqar Sobbooqaa Kowalee, Kumsaa Soondhessaa Kowalee, Diroo
Damee
Bashanaa, Disaasaa Sobbooqaa Nyoree, Dabbabaa Gammachuu Qamalittii,
Taffasaa
Boodanaa Bultoo, Taaddasaa Birrii Horaa, Rafuu Dammii faa.
*********************************************************
|