Barreeffata kana kuta a sadaff aa keessatti: "Kan nama dhibu, warri
Habashaa bataskaana qofatti nama awwaalladdhaa jechuun uummata abboomanii,
magananis malee, bataskaanumallee bakka barbaachisutti ijaaruu fi ijaarsisuuf
humni isaanii hin hayyamuuf ture. Mee isa kana fakkeenya tokko
qofa Oromiyaa teenya keessaa, naannoo Afran Walisoo callaa fudhanneetoo
hamma tokko haa ilaallu!", jedhameeti ture. Kunoo, amma akkuma
jedhame sanitti, isa jedhame san wajjumaan ilaallaa mee qalbii fi
qalbeeffata keessan natti hin qusatinaa!
Barri isaa bara 1876 keessa. Waraanni Habashaa kan Raas Goobana Daaccii fi
Dajjaach Gaarradoo (Gaarradaw) Waldee fayiin durfamu, qawwee ibiddaa mataa
irraa hamma quba miilaatti hidhatee ibidda tufaa Oromoota Bachoo isaan akka
nama tokkoo tahun dura goran, akka okaatti haamaa daangaa biyya Afran Walisoo
dhaqqabe. Oromoonni Afran Walisoos akkuma Oromoota naannoo Oromiyaa Jid
dugaleessaa& nbsp;gara akkaan irra caalanii, akkuma Oromoo Arsii
fi Barentuu (Harargee) faa yeroo san seera gadaatiin of-bulchaa turani.
Haatahu malee, yaanni Oromoota Gibee, inni abbootiin duulaa seera
gadaa cabsuun suuta suuta gara mootoliitti of-geeddaranii sun, biyya obbolaa
Walisoo Ammayyaa fi naannoo Walisoo keessaa immoo Maaruu Kormee fi Dirree Warra
Beellamoo (naannoo magaalaa Walisoo marsee jiru) faa hulluuqee galuuf,
curruuqaa (daa'imaa) jiraayyu.
Biyyi Jahan Ammayyaa fi kan Afran Walisoo waan laga Gibeetti ijjataniif,
Jimma Kakaa (Jimma Abbaa Jifaar) waliin ni daangomu. Abbaan Jifaar ayyaana
gaafa inni mootomee, kan waggaa waggaan ayyaaneffatamu irratti dureewwan
Oromoota Ammayya fi Walisoo faa garii ni affeera ture. Jarri gaafas waayee
tokkummaa Oromoo fi waayee abbootiin duulaa mootomuu faa waa haasawuun
isaanii hin oolle. Tahus jarri otoo yaada kana& nbsp;lamaanuu
fiixaan hin baasin, Minilik Biyya Oromoo guutuu koloneeffachuuf xiyyeeffatee
ka'e san isaanitti qabe.
Biyyi Afran Walisoo kun duraan qaama biyya Sadan Liiban ture. Sadan Liiban
jechuun ilmaan Liiban Jidda Maccaa: Ammayya, Walisoo fi Kuttaaye. Biyyi Liiban
kun karaa kaabaa laga Abbayyaa (Mormor) irraa kaasee, karaa kibbaatiin
biyya Oromoo Sadeen Sooddoo fi Biyya Guraageetti ijjata. Karaa bahaa biyya
Oromoota jahan Bachoo, Ada'a Bargaa fi Salaaletti ijjata. Karaa lixaa
immoo Tulluu Jibaatiin daangeffama. Biyyi Sadan Liiban kun biyya
kormi keessaa baroodu, biyya fardi keessaa himimsu, biyya galmaa fi
jagnaa, biyya qaalluu fi gamnaa, biyya dhiichifni dachee sochoosu, biyya
ragannii fi awwaayyaan qaama butuchu faa ture. Kaan ammallee ni jira. Biyyi kun
biyya Oromoon Tuulamaa biyya Maccaa jedheetoo yaamu fi faarsu sani.
Oromoonni Sadan Liiban kun karaa baa y'ee Oromoota Tuulamaatiin
sheenqamaniiti ("influenced") j iru. Oromoon Sadan Liiban kun
Oromoo hunda keessaa lubbuun isaa (kan irra jaalatu) Oromoo Tuulamaa fi Oromoo
Jimma Abbaa Jifaari. Qoosaan jaalalaa kan Sadan Liibanii fi Tuulamni
(Bacho, Sooddo fi Ada'a Bargaa faa) waliif qaban, inni daadhii isa booka
wajjin magaalaawwan: Tullu Boollootti, Walisotti, Buusaatti,
Barooddootti, Giincii fi Shaggar keessaa Markaatoo faatti dhangalawuuyyu
kan waraabameetoo hin dhumne ture.
Sadan Liiban kun duraan caffee gadaa tokkicha jalatti of-bulchaayyu. Odaan
yaa'ii Sadan Liiban Xuqur keessaa Incinnii, bakka amma erga Oromiyaan
qabatamtee asii, warri Ortodoksii Habashaa taabota isaanii kan Mikaa'ela
jedhamu itti-dhaabbatan san ture. Booda keessa ilmaan Liiban kun caffee
mataa-mataa ofii hundeeffachuun tokkummaan Sadan Liiban, inni akkasitti
mootolii Habashaatti akka sibiilaa jabaachaa ture s un laafe. Waraanni Sadan
Liiban kun akkuma waraana Torban Guduruu, Salaalee, Darraa, Afran Ab bichuu,
Jahan Galaani fi Torban Walloo faa gara waggaalee dhibba sadiiyii
dallaa siibilaa taheetoo waraana Habashaa ofirraayyis, Oromoota biroo irraayyis
ittisaa ture. Waraana Sadan Liiban kana fayi, waraana Habashaa isa laga
Abbayyaa fi laga Bashiloo cewuun gandeen gubee, loonii fi fardeen boojiyee nama
rakkisu san, "erga isaan barbaadanii nutis waraana biyya isaanii geessina"
jechuun Abbayya cewuun Goojjam faa keessatti kan lolaa ture. Waraana
Sadan Liiban ollachiisaa sanitu bara 1598 keessa ilma mootii
Habashaa isa Susiniyoos jedhamu boojiyeeyyu. Abbootii duulaa Sadan
Liiban keessaa kan Susiniyoos boojiye waraana Buukkoo Kuraa ture. Buukkoo Kuraa
Sadan Liiban keessaa gosa Torban Kuttaayee, Abeebe Booranaa yoo tahu,
manni isaa naannoo magaalaa Amboo, ganda Goromtii keessa ture. Ammallee
qacceewwan (diroowwan) jagnicha kanaa achuma G oromtii fi naannoo Afran
Walisoo, baddaa Qaqaldhii, Ilaala Warra Walgaafaa keessa jiraat u.
Akkuma beekamu aadaa Oromoo keessatti namni waraana irratti otoo namaaf hin
ilin funuusee lola malee, erga diinni harka kennatee, erga nama boojiyee qamaa
fi qalbii namootaa hin jeequ, hin tuqu. Akka warra Habashaa faa, warra Faranjii
durii faa nama san akka gabraatti hin gurguratu. Kana seera gadaatu
dhoowwa. Amantii Oromoo Oromeetu (Waaqeffannaatu) "laguu dha, haraamuu
dha, hooda" jedheetoo dhoorka. Kanaaf, ilma
Mootii Habashaa isa boojiye san abbaan duulaa, Buukkoo Kuraa caffee
Sadan Liibanitti dhiyeessuun, yaa'iin sun eebbisee akka inni moggaafatu godhe.
Buukkoo Kuraas, Abeebe faas akka gaafa san irraa kaasanii, gurbicha akka:
ilmoo ofii, aantee ofii, lammii ofii, gosa ofii fi saba ofiitti ilaalaniif
kakatani. Ilmi mootii Habashaa sunis akka: gaafa san irraa jalqabeetoo: Abeebe,
Kuttaaye, Sadan Liiban, Oromoo akka lammii fi saba ofiitti ilaalu
yaa'ii Sadan Liiban san keessatti kaakate. Gurbichi aannanii fi
damma Oromoo dhuguun kan durii caala cime. Waggaalee saddeet Oromoo
keessa akka Oromootti jiraate. Afaan Oromoos akka gaariitti barachuun kora
irrattillee ka'ee lallabuu eegale. Abbaa duulaa kan waraana foollee tokkoo
keessattis filamuun dirqama lammummaa fi Oromummaa ofii bayaa ture. Booda
"biyya
kiyya isa duriittan deebiyaa mee naa hayyamaa! Mee nas gargaaraa!",
waan jedheef silaa nama garaan ka'e miilli hin taa'uu, Oromoon waliigaluun
akkuma inni jedhe san godheefi.
Inni gargaarsa gaacha fi farda Oromootiin Goojjamitti deebiyee obboleessa isaa
isa qixisuu kan siree mootummaa seera malee kore san, hariyee akka aadaa
isaaniitti koobiyyaa qaalaan irratti ("ambaa") hidheetoo bokkuu
mootummaa Habasha fudhate. Inni erga mootummaa ofii fi wa raana ofii
jabeeffatee booda, harka laateef san nyaachuun Oromootti waraana kaase. Waan
waggaa sadddeet guutuu Oromoo keessa jiraatee akka Oromoo n diinaan lolu
iccitii isaa bareef, sanitti dhimma-bayee Oromoo san dura isaaniif hin cabne,
amma mowuu jalqabe. Mootolii fi dureewwan Amaaraa kakuu Oromoof galan
cabsanii Oromootti ka'uun Susiniyoos irratti dhaabateetoo hin hafne;
duudhaa isaanii tahee itti-fufe malee! Akkamitti kan biraa dhiisii
Miniliki-llee kakuu Oromootaaf gale cabsee, arrabni inni isaaniif kakateen
sunillee dubbachuu daddhabee nafni (dhagni) isaa laamshayee, inni waggaa hedduu
akka siree irratti hafe, manguddoon Oromoo Tuulamaa fi Sadan Liiban waan
jedhan gaafa biraan, bakka biraatti itti-deebiyaa mee ammaaf beektonni Oromoota
Sadan Liiban, waayee Susiniyoos isa "ilma" isaanii maal faa akka
jedhan gabaabinaan kanaa gaditti haa ilaallu!
Lubbuu isaa Waaqni haa maaruu, ekeraan isaa haara haa baafattuu: Baqqalaa
Magarsaa Ita'aa waayee kanaa akka armaan gadiitti natti himeeyyu.
Baqqalaa Magarsaa nama naannoo Afran Walisoo, nama Wancii t i. Gamnoota Oromoo
kanneen naannoo kanaa, isaan tulluu duubattillee beeku jedhaman keessaa inni
isa tokko. Akkanuma abbootii biyyaa warreen akka isaan jedhanitti "erga Sidaamni biyya
fudhatee" asii, "baalabbaataa" jedhamuun gadi
deebifan keessaa warri isaa tokko. Walaloo geerrarsaa isa Oromoonni Sadan
Liiban faa Naqamte Kumsaa Morodaa irraa kaasuun hanga Abbichuu fi
Salaaleetti "caalakaa caala caalaa" jedhanii tarreessan keessaa:
"Wancii
Noorutu caalaa, noor jettee namaa ka'uu, hiriyaa ofii-caalaa
---" jedamutu jira. Nooruun kun Nooruu Ita'aa Golgaa Goolee, wasiila
(abbeera) Baqqalaa Magarsaa ti. Abbootii duulaa, booda immoo baalabbaatota
Wancii lamaan keessaa tokko Nooruu Ita'aa ture. Baqqalaa Magarsaa waayee kanaa
oggaan isa gaafaddhu, otoo naaf hin deebisin gaafii tokkoon na jaanjesse.
"Yaa ilma
koo, qaccee Susiniyoos keessaa amma kan jiran natti himuu dandeessaa?"
Ani akkan gaaficha deebisuufii hin dandeenyen it ti-hime.
San booda kunoo qacceen Oromoo, qacceen warra isaaf kakatee moggaafatee
sun harras akka jiran natti hime. Jechuun qacceewwan abbootii Oromoo
Sadan Liiban kan bara sanii naaf tarreesse. Garii isaanii anuu
qaamaan nan beekayyu. "Nuti Oromoon waan kakuu hin ganneef, waan arraba
ittiin kakanne sana hin nyaanneef, kunoo Wancitti, Qaqaldhii fi Kuttaaye
Goromtii faatti hardhallee Susiniyoos sana akka Oromootti ilaalla. Isatu nu
gane malee, nuti hardhallee isa hin ganne. Waan nu ganeef qacceen isaa lafarraa
dhabame. Oromoon keenyammoo kunoo akkuma argitu horee lafa guutera!", naan
jedhe, beekaan biyyaa san. Mee amma gara biyya Sadan Liiban, isa
dimshaashaa irraa gara biyya Afran W alisootti deebinee isa kaaneef
san, waayee lafaa fi waayee warra sheexana "harkisee biyya keenya fideetti"
haa ceenu.
Simbirtuuwwan Habashaa akkuma dhagayanii fi arganitti dhaqanii Goobana faatti
himani. "Walgaafaan
nu wajjin haasawuu barbaada boru ganamaan gadi lakkisaa! Ilaansoo Halloo nu
fixuuf dhaadataa odoo gadi hin lakkisin gara Ankoobaritti dabarsaa!,
jechuun Goobana Daaccee dureewwanii fi loltuu waraana Habashaa
abboome. Isaanis akkuma inni jedhe godhani. Walgaafaa Qumbii akka Goobanaan
yaadetti isa wajjin haasawee waliigaluun Biyya Oromoos, Oromoos hin kennine.
Lafti warra Walgaafaas fudhatameetoo lafti qeyeen isaa irra jiru, kan
hamma udduu eelee geessu wayii, Qaqaldhii keessaa Shube, ganda Tulluu I laalaa,
kan hamma harraattuu Ilaala Warra Walgaafaa jedhamu hafeefi.
Ilaansoo Halloo, ilma goota gaggabaa kan jedhamuuyyu ilma Halloo Bokkuu ture.
Isa biyya ofiitii jecha biyyee diinaa irraatti, Ankoobaritti biyyeen isa
nyaatte. Biyyi garuu hamma harraattuu maqaa isaa hin
irraanfannee ittiin dhaadata. Is aan geerrara, isaan dhiichisa. "Maqaan baduurra
luubbuun baduu wayya", inni Oromoon jedhu isa akkanaatini.
Warri Ilaansoo Halloo lafa abbootii biyyaatii hafe san, isa dhibbayyaa 30 san
keessaallee hin arganne. Ammoo, maqaan warra kanaa lafas, horiis, horoos,
qabeenya biraas caaluun kunoo amma anallee na dubbisaa jira. Erga warri
Wayyaanee Oromiyaa Ilaansoo Halloo faa harkatti galfataniillee, Oromoonni Afran
Walisoo yaa'ii isaanii kan magaalaa Walisoo keessatti godhatan irratti
akka warri OPDO mana barumsaa isa magaalaa Walisoo, Goobana Daaccee irraa
gara Ilaansoo Hallootti geedd aramu gaafatani. Manni barumsaa kun bara
Xaaliyaanii Xaaliyaanotumaan ijaarameeyyu. Booda Hayila-Sillasee fi
nafxanyoonni isaa biyyoota biyya irraa dheensuun itti-baqatan, Biyya
Ingilizii fi Yarusaalem faa irraa erga deebiyanii: mana barumsaa san "Raas Goobana Daaccuu,
Abbaa Xigguu" jechuun moggaasani. Amma OPDO-on "keenya"
ishuma tanallee, gooftolii isaa Wayyaanota sodaachuun dubbii biyyi
gaafate san bishaan nyaachise.
Waan lafti goota malee, goonnis lafa malee hin jirreef, dubbii
ka'ameef san, qabiinsa lafa Oromoo isa bataskaana Habashaatiin qabamee otoo hin
ibsin waa xiqqoo-shii waayee biyya Sadan Liiban, biyya Afran Walisoo faa keessaa
waa isinitti himame. Kutaa itti-aanu irratti ittuma seenneti waayee lafaa fi
waayee warra sheexanaan "dhufee" sanii xiinxallaa, mee nagaa fi nageenyaan naaf
bulaa!
Itti-fufa! ---
=====
Mee Hubachiisa Miiljalees ilaalaa! =======
** Ani walaloota tunaa fi kaneen biroo kanaan dura barreeffata tokko keessatti:
xiinxaluun gara Afaan Ingiliziittis hiikuun gadi baaseen ture. Warri feetan "Tamene Bitima: On Some Oromo
Historical Poems" yookaan " Oromo Oral Poetry Seen from
within" mee ilaalaa!