Home
GABUO.org
Home   Contact Us   About GABUO  About Oromiyaa   RBO Radio  Web Links Afaan Oromoo
Main Menu
Home
News
Press Release
Resolution
Articles
Contact Us
Search
News Archives
Key Concepts
Gada System
Colonial Experience
Community
Discussion Board
Web Links
Events
Walaloo
Important Links
A. Oromiyaa Portal
Oromia Publishing
Login Form





Lost Password?
Feb 28 2010
NAMUMMAADHAN NAMUMMAA-KEE DEEBIFADDHU Print E-mail
Sunday, 28 February 2010

 

Taammanaa Bitimaa irraa

 

 Nutti fidanii hinjirree

 Nuttis ta'anii injiree

 Injiraan dhiiga nu xuuxaa

 Injiraniis qabeenya keenya huuxaa

 Boolla keessa nu kaa'anii

 Bargaafatanii nurra taa'ani!

  Akka bosonuu adamfamnee

 Akka foonitti waadamnee

 Akka ganyaatti takaalamnee

 Jaarraa afur geenye hidhamnee!

 

 Afaan keenya cancalamee

 Sibiilli keessa kaayamee

 Biyyum-saa keessatti

 Biyyeedhuma-saa irratti

 Marcuma-saa irraa gabbuufamee

 Bakka-saa afaan qawwee buufame!

 

 Gabbaarii taane isaanii qonnee

 Gabbartuu taanee isaaniif lollee

 Addunyaatti isaanii kaannee

 Afaanii of-fuunee isaaniif laanne!

 

 Halkanii guyyaa isaaniin arrabfamnee

 Dirri keenya irra isaaniin garafamnee

 Karchalleetti miila keenya korkodamnee

 Basaaftuu saanitiin boolla keessattillee hordofamne!

 

 Keenya dhoowwamnee afaan-saanii katabnee

 Sanumaanuu qixxee-saanii taa'uu daddhabnee

 Arraba-saanitiin salphifamnee

 Saamicha-saanitiin happhifamne!

 

 Nuti biyya-saanii hin seennee

 Bashilo, Abbayya itti hin ceenee

 Odaa-saanii hin mummurree

 Nama-saanii hin gurgurre!

 

 Biyyum keenya dhufanii

 Kokkee keenya hudhanii

 Kuffisanii nurra taa'uu

 Oromoo olkaanu malee

 Waanjoo achaanu malee

 Isaan yoom nurraa ka'uu?

 

 Nuti akka namaatti isaan laallee

 Isaaniin akka namaatti hin laalamnee

 Nama taanee dhalannee

 Nama taanee jiraachuu daddhabne!

 

 Walgeeddaruun nutti lixanii

 Kaan keenya duguuganii fixanii

 Bakka Aannolee Gaara Suufii buusanii

 Summii laggeen keessatti kuusanii

 Oromiyaa mara Calanqootti geeddaranii

 Kunoo, amma biyyya keenya gabaa baasani

 Akka hoolota Sulultaa Markaatootti yaasanii!

 

 Oromoo uummata-koo

 Uummata-koo uumee-too

 Amma gayeen gayee-dha

 Dugdi-kee kanarra

 Isaan baachuu hin danda'u

 Lukni-kee kanarra

 Sansalata-saanii hin danda'u

 Tokkummaa-kee akka sibiilaatti jabeessi

 Gabrummaa-kee addunyaatti dhiiga-keetiin addeessi!

 

 Gaaraa-dakaa walta'ii

 Walqapphuutii olka'ii

 Iyyi iyya dabarsi

 Yeeyyii si nyaattu marsi!

 

 Oromoo uummata-koo

 Gixaanaa-koo uumee-too

 Kanarra maal taata

 Biyya-keetoo gubatee

 Kanarra maal taata

 Biyyee-teetoo huqqatee

 Gandeen-keetoo onfamee

 Namummaa-keetoo orfamee

 Bishaantu summeeffamee

 Aannantu jaraaf kurfeeffamee

 Oromiyaatu gabaa baafamee

 Saamtuu Wayyaaneef jedhamee!

 

 Iyyi iyya biyyaa

 Halkanii-fii guyyaa

 Iyya walirraan cinne iyyi

 Haa-dhagawuu addunyaa fi biyyi!

 

 Joollee-tee hunda waammaddhu

 Alaa-biyyaa labsaddhu

 Sabbataan mundhii hidhaddhu

 Mancaa-faa harkatti qabaddhu

 Uu-uu jedhii olka'ii

 Harqoota caccabsii achaa'i!

 

 Awwaala gabrummaa irratti

 Dimokiraasii gadaa jaarraddu

 Namummaadhaan namummaa-kee deeffaddhu

 Republika Oromiyaa dhiiga-keen hundeeffaddhu!

 

 Barliin - 06, 02. 10

 

============== // ==============

 

 
Next >
Select Language
Afaan Oromoo
Radio
RBO Radio
Latest Events
Sorry, no events to display
Random Quotes

Boruu hinbeeknen qodabukeenshee lama

Who's Online
We have 7 guests online